Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, Godinaa Arsii Dhihaa, aanaa Kofalee keessatti musliimota hiriira mormii ba’anii fi humnoota Mootummaa gidduutti walitti-bu’insa uumamee lubbuu galaafate ilaalchisuun kaleessa waan jiraattonni naannoo jedhanii fi oduu Televiiziyoona Mootummaan dabree ture gabaasnee turre. Har’a haalli sun maal irra akka jiru adda baafachuuf jecha jiraataa aanaa Kofalee Obbo Kadiir Daaluu telefoonaan dubbisnee ibsa nuuf kennaniin, poolisiin Bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kanneen Bulchiinsa naannoo Sabaa fi Sablamootaa fi Uummatoota Kibbaa irraa achi ergaman poolisoonni federaalaa magaalaalee xixiqqoo fi baadiyyaa keessaa manneen namoota dhuunfaatti bobba’anii namoota hedduu hidhaa jiru jedhan. Haadha-warrootiin imaamota masjiidotaa kanneen har’a hidhaman keessa akka jiran illee dubbatan.
Wal-dhibdee sana araaraan haa furru, jechuun wanni mootummaan dubbataa jirus akka hin milkaa’iinitti eere, jiraataan naannoo kun.
Itti-gaafatamaan poolisii aanaa Kofalee, Saajin Ayyelee jedhaman immoo, gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin geggeessaniin, namootni yeroof qabamanii turan marti hiikamuu fi haalli naannoo isaanii tasgabbaa’uu dubbatu. Yaadi araaraa Motummaan dhiheesse uummataan simatamee itti deemamaa jira illee jedhanii jiran. Lakkoobsi namoota du’anii waan qoratamaa jiruu fi akka adda-baasanii himuu hin dandeenye dubbatu, Saajin Ayyeleen.