WASHINGTON,DC —
Barii 1800 bara Amerikiaa fi namii isii biyya akka akkaa keessa yaahee wa fedhatu. Bara seenaa barreessaa, lafa humnaan fudhachaa waan hedduu fedhachuuf yaahan.
Dr.Arthur Donaldson Smith, doktorii Ameriakati,dhalootaan Biritsh nama adamoo fi jireenna Afrikaa ilaalan jedhan keessaa tokko.
Bara 1890 keessaa haroo Ruudelfiin qaxxaamuree,Baalee fi Boorana keessaa bahee Keenyaatti dabre.Yoo akkana deemu kana Baalee Ginniir,Boorana Meeggaa fi lafa akka akkaa keessa maree, kaaniin wal hadhaa,hadhee walti araaraaramaa waan hedduu arge.
Namii kun bara 1897 keessaa kitaaba “Through Unknown African Countries the first expedition from Somaliland to Lamu,” Kenyaa jedhu barreesse.Kitaaba kana bara 2008 irra deebihanii barreessan.
Akka Asebee Raggaasaa,Yuniversitii Jermanitti barumsa PhDtti jiru jedhutti , kitaabii kun akka Oromoon warra isa hadhe ka akka miliinilki fa ufi irraa dhowwaa,seeraa gadaatiin ufi bulchaa,rakkoo nagaan falachaa jiraate irratti barreeffame.
Kitaabii kun durii Oromoo hammeennaa fi waan hedduun dhageennee,akka jarii biyya ufii keessa nama hin dabarsanillee nutti himanii sodaachaa dhufne taatullee waldhabnullee dubbii nagumaan fixanne jedhee barreesse jedha Asebeen, waan Smith kitaaba kana keessatti barreesse maqeeffatee.
Gama kaaniin akka jaarsii argaa dhageettii aabba Waaqoo Guyyoo jedhutti gaafii faransjiin nama gurraachaallee guurratee qawwee fahattee Booranaan baatee namallee fduahttee biyya ufiittiin galatte gadaa Adii Dooyyoo,abbaa Gadaa 17essoo keessa.
“Seera keessan barachuu feena jettee gaafatee jennaan mataan seera keennaa lichoo jedhanii lichoo hayyuu karrayyuu, Boruu Galgaloo itti kennanii fudhattee galatteenii, lichoon sun ammallee muuziyeemii London jiraachuu hin ooltu.”
Woma taateefuu suuraa footoo Boorana bara 1902 keessa Ellsi Island,Amerikaa fidan kanaa fi miilota isaanii hardhallee Amerikaa waliin muuziyeemii gara garaa keessa jirti jedhan.
Suuraan Boorana 1902 keessaa Ellis Island fidanii kana Fulbaana 2006 kutaa Amerkaa 16 keessa naqanii ummata agarsiisan.Akka gaazexaan NYT barreesseetti ammoo bara 2007 ammoo suuraa isaanii Jerman Berlin,eegee Liverpoolitti dabaransii biyya akka akkaaa keessa naqan.
Akka odeeffannoo dhaaba Ellsi Island Foundation jedhu irratti arganentti warra Ellis Island dhufe keessa ta biyya Irish dhufte tokko akkana jette.
”Bidirun teenna bisaan irra deemaa dhuftee guyyaa walqixxee Ellsi Island geenne achii ammoo dooniin Ellis Island nu fahan.Achii ammoo doonii irraa nu buusanii mi’uma keenna waliin mana guddaa tokkotti nu naqan.Nu nama haga 5,000- 6,000 taana.Ji’ii sun Adoolessaa akka malee oowwaa wayuma tiyya ta aadaa Irish keeyyadhen dhufe."
Barii 1900 bara namii Oormoo akka oduu dhageennetti biyya tana,Amerikaa fidan.
Horteen Oromoo/Booranaa bara 1902 keessa Amerikaa fidanii eessa geette?Lichoon hayyuu Booranaa faranjiin fudhattee Londonittiin galatte jedhan sun eessatti eegee aante?
Horteen jara kanaa addunyaa keessa facaatee biyya bulchuutti jirananittuttuu beennaa.Isuma jarii gaafas biyya teena dhufe sun aadaa Gadaa Oromootuu barreeffatee ta ufiitti buluuniitti jriaattuttuu?Waan abbaa abbaatti barbaadata,barbaadii ittuma jira.