WASHINGTON,DC —
Dubbiin bulchootii Suudan Kibbaa irratti wal dhabanii,waraanii lamatti bahee amma irratti wal hadhuutti jiran waan hedduu irraa dhufte.
Jara kana keessaa nama afuritti wabiin bahee amma nama afur himachuutti jiran.Wal dhaba kana Suudan Kibbaa tana irratti nama kuma hedduutti dhumatee kuma dhibba hedduutti baqatee biyyaa bahe.
Itti gaafatamtootii SPLM ta durii gugurdoon tun,Pagan Amum,Majak Agot,Oya’i Deng fi Ezeki’el Gatku’oth fa Muddee dabarte keessa mootummaa gara galchuuf hojajtan.
Abbaan alangaa addaa James Mayen, jara kana himate akka abbootin seeraa haga warrii 7n mootummaa gara galachuuf jedhanii jara kana waliin himatanii wabiin gadi dhiifaman deebihutti akka murtiin turtu gaafate.
Abbaan seeraa James Alala ammoo tana irraa hin fudhanne,dubbii isaanii laalee naqaashi isaan irratti dhiyaassanillee ya caqase.Naqaashiin kara kana irratti dhiyaatte akka warrii kun waraana jalqabde dubbate
Dubbiin bulchoota Suudan Kibbaa irraa kaate nama hedduu balaa irraa buufte.Rakkoo Suudan Kibbaa tana Finfinneetti fala itti barbaaduutti jiran.Amerikaa fi biyyitii hedduulleen akkanuma rakkoo isii faltiif.
Suudan Kibbaa,biyyitii Afirkaa haarahii tun bara 2011 keessa Suudan irraa cittee baatee biyya ufi dandeette taatee jirachuutti jirti.Ummatii isi akka lakkoofsa bara 212 keessa baheetti miliyona 10 fi kuma 84ti.
Perzdaantiin isii Salva Kiir Mayardit,teessoon mootummaa isii Juubaa,afaan isii Ingiliizi,maallaqii isii ammoo 'Pound.'