WASHINGTON, DC —
Kanneen adeemsa nageenyaa Sudaan Kibbaa keessaa jeeqan irratti tarkaanfii cimaan yoo fudhatame malee sivilonni dararamuu itti fufu jechuu dhaan tokkummaa mootummootaatti hogganaan naga eegumsaa beeksisaniiru. Miseensonni gola naga eegumsaa wayita hookkarri lubbuu galaafate hammaataa adeemetti Sudaan kibbaa irra uggura kaa’uuf mari’ataa jiran.
Hoogganaan Naga eegumsa Tokkummaa Mootummootaa Herve Ladsous ibsa gaazexeessotaaf Roobii darbe kennaniin hookkarri baatii Muddee keessa Sudaan Kibbaa keessatti ka’ee deebi’ee geggeeffamaa jiru dhaabachuu qaba jedhan.