Isiyolloon zoonii Keeniyaan qabdu 47 keessaa tokko.Isiyolloon Keeniyaa gama Bahaa jirti,Itoophiyaan walii ollaa.Isiyolloon, lafa dheebichaa ta loonii re’eeti.
Mootummaan Keenyaan seera haaraa ganna lamaa sadiin duratti baafatteen bulchiinsa biyya isaa ka zooniillee caalaa ufi dandahee ufi bulchu 47 qabaatteen buluuniiti jirti.Tana Keessaa tokkko Isiyolloo.
Isiyolloon biyya bineesa baddaa ka biyyaafuu faaya tahu ka akka arbaa gafarasaa,nyeencaa qeerramsa,saalaa sattawwaa,iddii gugguuftoo qofaa mitii biyya qabeenna lafa jalaa hedduun beekamtu jedhaniin.
Akka henna bara 2009 nama kuma 300 dhiyaatutti Isiyolloo keessa qubataa jedhaa. Teessumaa fi qilleensalleen dansaa qabdi. Lafa baddaa gammoojjiiti. siyolloon godina golchuu hedduun keessa qubattu km 25,331 bal’atti..
Mootummaan Keenyaa seera haaraa naannolee isaa akka isaan ufumaan ufi bulchan jedhee baaseen Isiyolloo ganna 17 keessatti guddinnaan waliin gahee akka isiin biyyaaftuu utubaa jireennaa taatu tolchuuf karoora qabeef.
Bulchaan godina kanaa Dr.Godaanaa Dooyyooti.Akka Dr.Godaanaan gaafa kora qabeenna Keeniyaa investeroota Amerikaatti himuuf bulchoota Keenyaa ta dhibiillee waliin Waashington DC dhufe jedhetti,jireenna Isiyolloo miila gadi dhaabuuf lafa km 3000 taatu qonnaa qopheessan,namallee waldaan jaaranii akka inni lafa qotattu tolchuuf ammaaf tiraaktera lafaan qotatan saddeeti bitaniif.
Tana malee akka Dr.Godaanaan jedhetti laga Isiyolloo keessa jiru jallisani akka ollooti hedduun midhaan facaafatani ufi dandahan tolchuuf hujiitti jiran.Tana malee diida xuyyuuraa addunyaa Isiyollootti jaaruuf karaara qaban.
Zoonii Isiyolloo akka innii bulchiinsaa tolu jedhanii Isiyolloo gama jidduu,Garba Tulaa, Meerii, Kinnaa,Oldonyiroo fi Sericho fa jedhanii fula hedduutti qoodan.
Bulchootii Keenyaa eegii perzdaanti Obaamaan bulchoota Afrikaa Amerikaatti koraa yaamee asitti hedduutti akka namii Keenyaa dhufee investimentii hojjatee ufillee faaydaa argatu Amerikaa dhufe.
Akka Dr.Godaanaatti mootummaan Keenyaa akka Isiyoloon biyya dhufani daawwatan tolchuuf gabayaa gugrudoo,kaasinoo fi hoteelii dadansaa,diida xuyyuuraa addunyaafuu tahu qabaattu tolchuuf karoora baaseef.
Isiyolloon akka karoora guddinnaa baasaniif kanatti ittiin hojjannaan jireennii isii Keeniyaafuu abdii tahuuf deema.