Paarlaamaan Awurooppaa yaada Ammajii 19,2016 akka Waldaan isaanii ajandaa isaa keessaatti rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu keessattuu rakkoolee naannoo Oromiyaa irratti marii yaamee fala jedhellee barreessee dhiyeesse.
Maqaan garee paarlaamaa yaada kana dhiyeessitee S&B (Socialist and Democratic) jedhan.
Paarlaamaan kun rakkoolee asiin duratti biyya keessa jirtu jedhe tokko tokkoon maqaa dhahe.
Rakkoo qofaa mitii marii gama kanaan bulchoota mootummaa ka akka ministera haajaa alaa Itoophiyaa,Dr.Twewodiroos Adihaanom fa waliin taahe maqeeffatee,gabaasa bulchootii gara garaa irraa argatellee itti dabalee barreesse.
Rakkoo hiriira mormii Master Pilaanii faana dhufte,nama sun irratti lubbuu dhabe, gabaasa HRW nama 140 mormi hiriiraa sun irrati ijjeefame jedhellee barreessee.
Filannoo Itoophiyaa bara 2005 fi rakkoolee sun irratti dhalatte rakkoolee gugurdoo ji’a lamaan dabran naannoo Oromiyaa keessa jirtu; namii hedduun ijjeefamuu,hedduun madaahuu, hedduun hidhamuu faallee barreesse.
Itti gaafamtoota paartilee mormituu Oromoo hidhaan jiran; obboo Beqqelee Garbaa,ka manaa bahuu dhowwmame obboo Beqqelee Nagaa,hidhamuu itti gaafatamaa paartii Ginboot 7 Itoophiyaatti hidhaa jiru Obboo Andaargaachoo Tsiggee, hidhamuu gaazexeessitotaa fi walumattuu waan hedduu naannoo Oromiyaatii fi walumattuu Itoophiyaa keessa jirti jedhan hedduu barreesse Paarlaamaan kun.
Maaster Pilaaniin kun akka gabaasa Paarlaamaa Awurooppaatti yoo hujii irra oole Finfinnee marroo 20 caalaa guddisa qonnaan bultoota Oromoo miliyoona hedduu hiyyoomsa.
Wannii Paarlaamaan kun maqaa koree isaa S&B akka falaatti dhiyeesse;nagaa eegdotii Itoophiyaa Oromiyaa fi naannoolee biraa keessalleetti humnaan namatti deemuu ariitiin dhaabuu, akka warrii karaa nagaatiin falmate hidhaa jiru barattoota, qonnaan bultoota itti gaamatoota paartilee mormituu, biloogeroota fi gaazexeessitota aritiin hidhaa bahu gaafate.
Akka mootummaan Itoophiyaa seera mirga ilmaan namaa addunyaa,mirgaa ilmaan namaa Afrikaa;karaa nagaatiin hiriira bahuu,yaada ufii karaa fedhaniin ibsachuu fi gurmaahuu ulfeessitu gaafate.
Mirgootii kun guutamaa jiraachuu isaanii akka Tokkummaan Mootummootaa qoratu akka Itoophiuyaan eeyyamatus gaafate.
Mootummaan Itoophiyaa misooma biyyaa hojjatu akka ummatii irratti mari’atuu fi walumattuu rakkoolee naannoo Oromiyaatii fi Itoophiyaa keessa jiran jedhe fala 15 barreessee barreessee baase.
Waldan Awurooppaa waggaatti Itoophiyaa dooalara biliyoona 3 gargaasaan argatti.Afrikaa keessaa biyyiti horii haganaa aragttu tokkofffaan Itoophiyaa. Paarlaamaan kun horiin Waldaan Awurooppaa gargaarsaan Itoophiyaa kennamu seerumaan hujii irra ooluutti jiraachuu isaallee akka tohatamu yaada dhiyeesse.
Paarlaamaan kun akka perezidaantin isaanii yaada kana waldaan isaanii mari’achiisuu gaafatee.
Mootummaan Itoophiyaa tana irratti maan akka jedhu deebii hin arganne.
Tana maleellee Paarlaamaan kun akka perezidaantin isaanii yaada kana mootummaa fi Paarlaamaa Itoophiyaatii, koomishiinii Awurooppaatii,Waldaa Afrikaatii,itti gaafamtatoota Waldaa Awurooppaatii fi nama gara garaatii ergamu yaada dhiyeesse.