Hogganaan USAID tokko beellii Itoophiyaa barana qunname hammaataa ta’uu isaa dubbatan. Garee Yunaaytid Isteets gara biyyitti godaanef itti aanaa dura ta’aa han ta’e, Oboo Joonaataan Andirsan, sababa Ongee Kanaan belaadoonni bayyen dhumuu fi namoonii rakkina bishaanii fi nyaataa hammaataa dha saaxilaamuu isaanii ibse.
Beela biyyitiiti hamaate Kanaan naanooon Oromiyaa, Tigraay, Afaar, Somaalee, Amaaraa fi Ummata Kibbaa hubamuu isaani han dubbatu itti gaafatamaan kun, “bakka hunda dhaquun hindanda’amu,” jedha.
Obboo Yonaatan mootummaan Itoophiyaa dhaaboota gargaarsaa addunyaa adda addaa wajjin ta’ee namoota gargaarsa barbaadan gara miliiyoona kudhanii ta’u lafa gochuu isa yaadachiisee, biyoonnii biraas beela hammataa Itoophiyaa muudate kanaaf gargaarsa akka godhan wamichaa dhiheessera.