Duulli maallaqa walitti qabuu kan ta’uu waajjira qindeessa gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaan ifa taasisame kun kaleessaa jalqabee hanga Waxabajjii 20tti tura.Itti gaafatamtuun waajjirichaa kan hariiroo karooraa fi kutaa ragaa Choice Okoroo har’a VOAf akka ibsanitti dhaaboliin gargaarsaa kan TM fi mootummaan Itiyoopiyaa waldaan fannoo diimaa Itiyoopiyaa duula kana irratti ni hirmaatu.
Sochii adda addaa gochuu dhaanis deggersa maallaqaa kan yeroo hatattamaa walitti qabuuf karoorfameera.Yeroo ammaa kanneen gargaarsa barbaadaniif deggersa gochuuf dandeettii qabnu irratti haala dhiibbaa godhutu jira. Hanga Caamsaa 1tti maallaqa guddaa walitti hin qabunu yoo ta’e gargaarsa midhaan nyaataa dhiyeessuu gama ilaaleen rakkootu nu mudatuuf jira.
Hawaasi addunyaa deggersa barbaachisu gochaa kan ture ta’uu itti gaafatamtuun kun yaadachiisaniiru. Hanga ammaatti mootummaa fi arjoomtota biraa kan argame garuu bara keessa jirru bara 2016f kan barbaachisu gargaarsa doolaara biliyoona 1.4 keessaa dhibba irraa harka 51 qofaatu argame jedhan. Lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona 10.2f kan barbaachisu deggersi midhaan nyaataa akka addaan hin cinne maallaqi inni hafe hatattamaan dhufuun akka irra jiraatu ibsaniiru.
Dhimmi isaa maallaqa irra hedduu amma argachuu qabna. Ragaa qabatamaan sii kenna. Lammiiwwan miidhaan irra ga’eef midhaanni bitamee biyya keessa hanga seenutti guyyoota 120 fudhata. Hanga Caamsaa 1tti midhaan nu ga’us qabna. Dhiyeessiin midhaanii kun sana boodas akka itti fufu gochuuf baatilee sadii dursee bitamuu qaba. Kan nuti ilaalaa jirru isa kana yoo na hubatte. Sana bituuf immoo maallaqa ga’aa hin qabnu, hanqinni kun akka hin mudanne ittisuu qabna jedhan.