Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa fi Keeniyaan Nageenya Naannoo Dabalatee Dhimmoota Shan Irratti Walii Galtee Mallatteessan


Muummeen Ministira Itiyoophiyaa Hayilemaariyaam Dessaaleny Keeniyaa Daawwate
Muummeen Ministira Itiyoophiyaa Hayilemaariyaam Dessaaleny Keeniyaa Daawwate

Muummeen Ministira Itiyoophiyaa Hayile Maariyaam Dessaaleny Keeniyaa Daawwataa jiru. Kaleessa waajjira prezidentii Keeniyaatti Uhuruu Keeniyaattaa faana waa’ee walitti dhufeenya biyyoottan lameenii ka mariyatan yoo tahan, walii galteewwan shan ka dhimmoottan Albuuda Baasuu, Fayyaa, Ispoortii, Nageenya Naannoo Daangaa fi barnoota irratti xiyyeeffatan walii mallatteessaniiru.

Kana malees biyyoottan lameen sarara Ujummoo boba’aa Kutaa bulchiinsa Keeniyaa Lamuu jedhamtuu kaasee haga finfinneetti diriirfamuuf yaadame walii galteesaa waggaa kana keessatti akka waliin mallatteessan beeksisanii jiru.

Pirezidentiin Keeniyaa yeroo kana dubbii dubbataniin, ‘Keeniyaan gama diinagdee, daldalaa fi Tuurizimiin biyyooti lamaan akka walitti siqaniif ni hojjettii jedhan.’

Keeniyaattaan Marii Hayilemaariyaam waliin taasisan irratti waa’ee baqattoota Somaaliyaa Keeniyaa keessa jiraniis akkaataa ittiin gara Somaaliyaayyi deebifaman mariyaachuus dubbataniiru.

Muummeen Ministira Itiyoophiyaa Hayile Maariyaam Dessaaleny gama isaaniitiin ‘keeniyaa fi Itiyoophiyaan nageenya gaanfa Afriikaa fooyyessuuf waliin hojjechuu qabu jedhan.’

Akka gabaasi tokkummaa mootummootaa jedhutti Keeniyaa keessa baqattooti Itiyoophiyaa kuma 30 ol kajiran yoo tahan, dhimma kana ilaalchisuun gaggeessitooti lameen waan dubbatan jiraa waan jedhu, Keeniyaatti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa Ambaasaadder Diinaa Muftii ‘Wal dubbiin gaggeessitoota lameenii waa’ee godaansa seeraan alaa irratti ture’ jechuun deebii kennan.

Itiyoophiyaa fi keeniyaan walii galteen isaan walii mallatteessan kuni ji’a ja’a keessatti isa lammaffoo dha.

Itoophiyaa fi Keeniyaan Nageenya Naannoo Dabalatee Dhimmoota Shan Irratti Walii Galtee Mallateessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:32 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG