Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaader Samantaa Power:Itoophiyaati nama hiriira bahe humna haga dabrateen itti deemuun Amerikaa 'akka du’aa' yaaddessiti


Ambaasaadder Samantha Power Suudan Juubaa keessatti gaazexeessitotatti wa himuutti jirti Fulbaana 3,2016
Ambaasaadder Samantha Power Suudan Juubaa keessatti gaazexeessitotatti wa himuutti jirti Fulbaana 3,2016

Samantaa Power,Tokkummaa Mootummootaatti ambaasaaddera Amerikaati. Dubbii tana yoo garee Nagaa fi Araaraa Tokkummaa Mootumootaa waliin Suudan Kibbaa Juubaatti imaltuu dhuftee rakkoo naannoo sunuu dubbatan rakkoo Itoophiyaa gaazexeessitotii gaafataniif deebii kennite.

Amerikaan akka ambaasaadder Samntaatti humna haga dabra nama hiriira bahettiin dhufan akka malee yaaddofti jette.

Gareen Samatnaa Poower tun faati hardha bulchoota Afrikaalleen wal dubbachuuf Finfinnee dhaxxi.

Akka jecha ambaasaadder Samantaatti jeequmsii Itoophiyaa keessaa waan akka malee hamaati,qaamii haqaa fi dhugaa fi dubbii tana qorachuu male.

Amerikaan akka ambaasaadder Samantatti akka mootummaan Itoophiyaa nama nagaan hirraa bahuu eeyyamu gaafate.

Itoophiyaatti ji’a hedduu asitti namii hiriira bahee rakkoo himachumatti jiraa nama hedduutti lubbuu dhabe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG