Manni hidhaa Qilinxoo erga gubatee as yeroo duraatii han mana muritiitti dhihaatan miseensonni paartii Koongiresii Federaalawaa oromoo fedhii isaanii malee, dirqiidhaan gara mana murtii geeffamuu saanii ibsanii jiru.
Dhaddachii akkuma ta'een himatamtoota keessaa Galaana nagaraa, Cimsaa Abdiisaa, Darajee Margaa, Gammachuu Shaanqoo fi Magarsaa Asfaaw warra dhihaate keessa akka hin jire manni murtichaa hubatee, maalif akka ta'ee gaafii gaafateef debiin poolisiin kenne “ Afur mana hidhaa adda addaa waan jiraanifii tokko garuu ( Cimsaa Abdiisaa) bakka jiru hin beeknnu,” han jedhu.
Mannii murtichaas beellama itti aanutti hundii isaanii, hidhamtoota shanaan hara hafan dabalatee, bellama itti aanuuf akka dhihaatan itti gafatamtoota mana hidhaatii ajeja dabarsee jira.