Godinii Baalee lafa Oromiyaa ta bonaa fi oolaan itti hammaate keessaa tokko.Baaleen lafa gaarren,laga,paarkii fi waan hedduu faarsaniin qabdu.
Bonaa fi oolaan haga itti dabre akka warrii lafaa ka Dalloo-Mannaa dubbifne jedhutti laga akka Weeb, Welmel, Didiimoo fi Shaawweee faallee ya gossee bisaan irraa qaqallise.
Baddaan uumamaa ka akka Harannaa, Riraa,Sannee faatii ka lafa qabbaneessuun beekaman faati lafa amma goggodde.
Gatiin midhaanii akka warrii lafaa jedhutti xaafiin kintaala tokko qarshii 1,400, boqqolloon kintaala tokkoo ammoo qarshii 850 jireennii guddoo qaalii.
Aanaleen akka Dalloo-Mannaa,Madda-Walaabuu,Haroo Dumaalee, Gasaraa, Ginniir fi Jaaraa faan bonaan guddoo miidhaman.
“Gammoojjummaan hammaachuun irraan gaallii guddaan kun haga ilmee re’eetti deebihee wayita du’u agarre.”
Bonii kun namaa fi horii qofaa mitii qabeenna uumamaallee guddoo miidhee jedha namii rakkoo jirtu achii nutti hime.
“Baddaan Harannaa akkuma biyya Itoophiyaattuu sadakraa lammafaa irratti argamaa bosona guddaa.Bosona ilma namaa dhiisii shimbirtinu keessa bararuu hin dandeenne.Saannateen durii qabbanaan beekamtu hardha lafa T-shirtn keessa deemta.”
Gama gargaasaatiin ammoo gargaarsii hin mullatuu ka dhufullee akka jiraataan gada Dalloo-Mannaa kun jedhutti jidduutti gorfatan.
“Dhaabbati ykn mootummaa yoo gargaarsa kenna jedhee ergu dafanii hin kennan.Maallaqa nama irraa fudhatanii gargaarsa sii kennu.Yo kennites ‘si calalla’jechuun maallqa haga qarshii 200-500 keessatti nama irraa fudhatan.Yoo kennuu dadhaban garuu duwwaa gala gargaasii hin kennamuuf.Gargaarsii hin jiruu diqqaa kennamullee bulchota naannoo jidduutti gurgurata.”
Itoopiyaatti amma nama miliyoona saddeetiitti dhiyaatutti gargaarsa eegata. Akka itti gaafatamtoota rakkoo balaa Itoophiyaa keesaa obboo Mitikku Kaasaa jedhutti mootummaan qarshii miliyoona hedduu baasee ummataa gargaaruutti jira.
Jiraattotii godinoota Oromiyaa keessaa dudubbifne yoo hedduu ammoo gargaarsa banana kana hin arginuu diqqaa dhufullee jidduutti gorfatanii gurguratan jedhan.