Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tirampi daarektera FBI irraa 'abdii dhabeef' hujii irra gusse, namii hagii tokko amoo Tirampi waan itti deemaa dhoffachuf tana tolche jedha


Daarektera FBI James Comey
Daarektera FBI James Comey

Kaan pirezidaanti Tiraampi waan itti deemaa dhoffachuuf daarektea Biiroo Qorannoo Federaala Amerikaa, FBI (Federal Bureau of Investigation) Jeemsi Komeey kana hujii irra gusse jedha kaan ammoo waan daarekterii FBI hojjatetti akka Hilarii Kilinton dorogmmii filannoo pirezidaantumaa Amerikaa jidduu tolche jedha.

Xalyaan pirezidaanti Tiraampi daarektea FBI James Kometiin gusse ammoo Itti gaafatamaa biiroo tanaan bulchu jabaa hin qabuu,” jetti.

Daarektera FBI ka kalee hujii irraa gussan irratti addunyaan woma hedduu jechuutti jirti.

Tiraampi ammoo abbaan alangaa addaa mootummaa Amerikaa Jeff Sessions fi itti aanaatti isaatti akka daarektea FBI kana hujii irraa gussan yaada dhiyeesse.

Jarii kun daarekterii FBI gaafa Hilarii Kilinton bara ministera haajaa alaa Amerikaa taatee hojjattetti email mootummaan kenneef dhiiftee ka ufiitiin hujii mootummaa hojjattee odeeffannoo mootummaa jajjabduu alatti baafate jedhanii himatan kaanitti waan silaa tolchuu male hin tolchine jedhee dubbae.

Hilarii Kilinton jaartii pirezidaantii Amerikaa aabba Biil Kilinton pirezidaantii tahuuf Tiraampi waliin dorgomtee jidde.

Waan Tiraampi daarektera FBI hujii irraa gussee nama hedduutti pirezidaanti kanatti dheekkamuutti jira.

Itti gaafatamaan senetii paartii Demokiraati Chuck Schumer wannii Komee gussaniif akka hujiin biiroon isaa waan Raashiyaa fi Tiraampi gaafa filannoo pirezidaantummaa Amerikaa waliin qabaatan hin qoratamne tolchuuf jedhee miilota isaa waliin dallansuun duubate.

“Miseensotii mana marii Amerika Raashiyaan Tiraampiif gargaaruuf filannoo teenna keessa qorachuutti akka jiru hinuma beenna. Senetiileen qorachuutti akka jiru hinuma beenna.FBI ammoo Raashiyaa fi duulii filannoo Tiraampi maan akka waliin qabaatan laaluutti jira.Qorannoon tun Tiraamiiyyuu bira gahuutti jirtii?”

Itti gaafatama senetii paartii Demokiraati kun akka minsitirii haajaa alaa Amerikaa qorataa addaa waan Raashiyaa fi Tiraampi faatii gaafa filannoo pirezidaantummaa waliin qabaatan qoratu gaafate.

Miseensotii paartii Rippaabilikaan hagii tokkollee pirezidaanti Tiraampi daarektera FBI gussuu isaatti dallansuu qaban.

Daarekterii FBI, James Koomee ganna 4n duratti pirezidaanti Obaamaan hujii ganna 10 daarektera Biiroo Qorannoo Amerikaatif file.

Tiraampilleen bara filame sun daarektera kana guddoo faarse.Dhiyuma tana keessaa waan biiron isaa waan Raashiyaa fi duulii filannoo Tiraampi filannoo Ameirkaa irratti waliin qabaatanii fi waan hedduu irratti waajjira kongireessii Amerikaatti yaamanii qoratan.

Yoo kalee hujii irraa gussan sun innii qubaa hin qabuu godina Kaalifooriyaa magaalaa Los Angeles dhaqee hojjatoota FBI waliin kora irra ture.Akka hujii irraa gussanilleen oduu TV irraa dhagahe.

Eegee ammoo saatii tokkoon duubatti xuyyuura yaabbatee WDCtti deebihe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG