Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korii rakkoo Somaalee falu Londonitti taa'e,itti gaafatamaanTokkummaa byya tana gargaaruuf doolara biliyona 900 walti barbaaduutt jira


Kora addunyaa ka Somaalee gargaarutti Londonitti taahuutti jira
Kora addunyaa ka Somaalee gargaarutti Londonitti taahuutti jira

Guters akka gabaasa APn baasetti kora rakko Somaalee irratti mari’achuuf Londonitti taahuutti jiru irratti tana jedhe.

Korii kun rakkoo Somaaleen keessa jirtu heddu irrati mari’ate.

Karaa biyya tana gargaaranii Al-Shababaab lolanii achii baaanuu nagaa Somaaleellee eeguuf waraana waldaa Afrikaa irraa hujii fuudhaniinillee hin dhaha korii kun.

Somaalee ammaan tana waranaa biyya Afirkaa gama Bahaati dhufe (AMISOM) kuma 20 eeguutti jira.Jarii kun ganna dhufu keessa achii baha.

Mootummaan Somaaleelleen dhiyuma tana keessa biyya waraana ergitee nagaa isaanii eegduun akka waraanii isaanii achii bahu walii galan.

Kora kana irratti bulchootii Somaaleelleen akka Tokkummaan Mootummootaa akka Somaaleen mi’a waraanaallee bitachuu dandeettu waan isiin adabe irraa dhiiftu gaafatan.

“Somaaleelleen warra biyya nagaa caalaa mi’a waraanaa qabaachuuf deemti,” jedha pirezidaantiin isii Mohaammad Abdullaahi Mohaammad.

Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa Antonio Guterres akka gabaasa AP baasetti Somaalee,biyya oolaan itti hammaate tanaaf gargaarsa doolara biliyona 900 gaafachuutti jira.

“Somaaleen amma badii fi jireennaa jidduu jirti kora kanaan biyya tana badii irraa jireennatti dabarsuu dandeenna,”jedha Guteres.

Kora kana itti gaafatamuu Biritish Teresaa Meeyii fi pirezidaantii Somaaliitti mari'achiise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG