Istiivii fi miilota isaa hardha Amerikaa godina Verjiiniyaa magaalaa Aleksanderiya keessatti isaanii leenjii ispoortiitti jiran namichii tokko ittuma oli seenee qawween hadhee mammadeesse.
Miseensii mana marii madeessan kun nama ganna 51 mudhii irra dhahanii amma ya wayyaahe.Waardiyaa jara sunitti isallee achumatti hadhee malee namii qawween nama hadhe sun kun silaa nama hedduu balleessaayyuu.
Namichii jara kana hadhe nama godina Illinoi Chikaagooti achitti madeessanii hospitaalaatti lubbuu dhabe.
Akka pirezidaantiin Amerikaa Doonaldi Tiraampi jedhetti miseensii mana marii AmerikaA ka madeessan kun nama jabaa hinuma fayyaallee.
Siyaasaan haga dabruun addunyaa fi Amerikaa keessaa mullattu fala argachuu malte jedha Tiraampi.
Namii kun jara leenjiif dirree keessa jirutti oli seenee ‘jarii leenjiitit jiru kun paartii Rippaabilikaan moo ka Demoktiaati,’jedhee gaafatee paartii Rippaabilikaan jennaan yoosuma qawwee bane.
Paartii lamaanuu Rippaabilikaanii fi Demokiraatik hardha galma wal gahahii isaaniitti kora yaamanii miseensota mana marii isaanii loluun seera malee waan tahuu maltee mitii jedhanii seeraan qoratamuu male jedhanii akka miilota isaanii ka madaahan bira dhaabatan dubbatan.