Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’aan Mirga Namaa Lammii Chaayinaa Du’aan Boqotan


Kan mana hidhaa keessa turan qabs’aaan mirga namaa Liw-shaalboo dhibee kaanserii tiruun dhukkubsataa erga turanii booda umurii waggaa 61tti har’a du’aan boqotanii jiran.

Liw-n badhaasa Nobelii nagaa kan argatan yoo ta’u waggoottan saddeettan darbaniif mana hidhaa keessa turanii hospitaala Shenyang, China keessatti du’aan boqotan. Mana hidhaa ba’anii mana yaalaa kan seenan dhibeen isaanii sadarkaa dhumaa irra erga ga’ee booda.

Qulullinni kunuunsa fayyaa isaaniif kennamaa ture falmisiisaa kan ture ennaa ta’u Beijing wal’aansa fayyaaf US ykn Germany akka dhaqan kan maatiin gaafate fudhatama dhabsiise.

Liwun barsiisaa Koolejii fi barreessaa beekamaa kan turan ennaa ta’u yaada isaanii mul’inatti dubbachuun beeksamu. Jijjiiramni polotiikaa biyyattii keessatti akka dhufu qabsa’aa turan.

XS
SM
MD
LG