Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Uggura Ameerikaan Keesseef Ijaan Ba’a Jette


Prezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putiin US biyyi isaanii filannoo Ameerikaa kan bara 2016 keessa harka galfatte jechuu dhaan uggura irra keesseef deebii kennuuf jecha lakkoobsi hojjettooa diplomaasummaa Ameerikaa kanneen Raashiyaa keessaa 755n akka gad xiqqaatu ajajan.

Putin caasaa TV biyya isaaniif akka ibsanitti mootummaan isaanii tarkaanfii halo ba’iinsaa US irratti fudhatu ennaa ta’u kunis har’aa jalqaba jedhan.

Minsitriin dhimma alaa tarkaanfiin putin fudhatanitti ni gaabbu tarkaanfii hin barbaachisne fudhatan jechuu dhaan attamiin deebii akka kennamu ni qoratama jedhee jira.

Kongresiin US kamisa darbe Iran fi kooriyaa kaabaa dabalatee Raashiyaa irra uggura haaraa kaa’uuf kan walii gale.

Ministriin dhimma alaa Raashiyaa JImaata darbe tarkaanfii haaloo ba’iinsaa akka fudhatamu beeksise. Uggurri kun abbaa irrummaa hammaa ba’aa kan US dhimma addunyaa keessa harka galfachuu mirkaneessa jechuun isaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG