Donii waraanaa biyya Tokkummaa Araboota Emerettotaa kan qaama wal taatootaa Sa’udiin hogganamanii taate nu waraanuu irratti bobbaate qiyyaafanne haleellee jechuun Riphxee looltoonni Hutti kan Yaman sambata darbe dubbatanii jiru.
Doniin kun meeshaa waraanaa feetee buufata Donii Ertraa irraa kan kaate ta’u aangawoonni Hutti ni dubbatu.Jalqaba bara keessa jirru 2017 irraa jalqabaee Doniin wal taatootaa handaara galaana yaman gama dhiyaa keessatti yeroo irratti qiyyaafatamu kun sadaffaa ta’u isaati.
Dhaabatti preesii kan Saaudii ibsa wal taatotaan ba’e maqaa dhahuun akka gabaaseetti bidruu dhukaatootaan guutamte gargaaramuun buufata donii galaana dimaa kan Mocha jedhamutti haleelan.Angawoonni Yaman sambata darbe akka jedhanti humnootiin prezidaant Abed Hadiif amanamoo ta’an maadhee waraanaa khalid Ibn Al-walid jedhamu guutummaatti to’atanii jiru.