Xurree ittiin seenan

Breaking News

Almaaz Ayyaanaa Shaampiyoonaa Addunyaa Londonitti itti jiran fiigihca m10,000 moo'uullee caalaa hin dhukkeessite


Almaaz Ayyaanaa, Olompikii Riyoo 2016, Biraaziil
Almaaz Ayyaanaa, Olompikii Riyoo 2016, Biraaziil

Almaaz metrii kuma 10,000 hin mootellee keessaa irraa galchite tun inatala ganna 25ti.Fiigihca metirii 3000, 5000,10,000 irratti beekamtii warqii hedduu harachuun beekmati.

Dorgommii tana nama kurnya lama tahu marroo tokko dirreetti walti gadi dhiisan. Yoo qaraa namii cinaachumaan wal qabee mirgaa bitaatti wal qilachaa hori’a.Warrii biyya tokko wal irraa fuudhaa wal gargaaraa wal jalatti hidhata.

Adoo akkanuma jedhanuu metirii 10,000 dhumchuuf marroo 10 istaadiyoomii irra maruun hafte.

Almaaz achitti lafa dhiittee keessaa kaate warra isii waliin jiru jalatti hidhachaa dhaqee ufi jibbaate.

Adoo jarii sun takkuma Almaaz ittuu hin dhiyaatinuu metirii 300 irraa fagaattee metirii 10,000 tana daqiiqaa 30:16:32 dhukkeessitee moote.

Namii Almaazitti aanee Xurunedh Dibaabaati sadeessoon ammoo atileetii Keenyaa Agnes Tirop.

“Dhiyoo tana keessaa fayyaalee miti ji’a lama qofa leenjifamee waan moohuuyyuu hin seenee ammoo amma ya moo’ee guddoo gammadee,” jette Almaaz mootee galtee jennaan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG