Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa keessatti Lakkobsii Namoota Gargaarsa Hatattamaa Eeggatanii Dabalee Jira


Lakkobsii kun isa baatii Amajjii darbee ture irra dabalee Miliyoona 8.5 ga’uun ibsamee jira. Dubartoonni ulfaa fi aannan harmaa hosiisan kanneen miliyoona 3.6 ta’an akkasumas ijoollee umriin isaanii shanii gadii hanqiina nyaataa madaalamaan rakkataa akka jiran galmeen ba’e hubachisee jira.

Gargaaramtoonni lakkobsaan akka dabalan sababaalee godhan keessaa tokko Oromiyaa fi Bulchiinsa naanoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti roobni Hagayya xiqqaachuu yoo ta’u sababa Kanaan abbaan warraa achi keessa jiraatan wabii nyaataa mirkaneeffachuu hin dandeenye jedha.

kan horsisee bulaan keessatti heddumaatu bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti duutii beeleedaalee itti fufuu isaa kanneen lubbuun jiran immoo haallii isaanii gaarii akka hin taane ibsamee jira.Hanqinni nyaataa kun godaansa uummataaf sababaa ta’uu fi garaa baasaa fi haqqisaa arifachisaa hammachuuf kan gumaaache akka qabu gabaafame.

Gargaarsa nyaataa uummata miliyoona 8.5 ga’u dhiyeessuuf hanga baatii muddee bara 2017tti doolaarri miliyoona 800 fi miliyoonni 38 kan barbaachisuu ta’uun ibsamee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:07 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG