Itiyoophiyaa kessatti hawaasa vaayrasii HIV waliin jiraataniif waggootii dhufan 5 keessatti projektii kunuunsaa fi dawaa lubbuu dheeressu waliin ga’uuf kan ooluu Dolaara Miliyoona 40 mootummaan Yunaaytid Isteetes ramaduu isaa beeksisee jira.
Kanas jaarmayaa misooma sadarkaaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetes (USAID) ti kaleessa labse.Keessumaa aanaalee vaayrasii HIVf caalaatti saaxilamoo ta’an 200 keessatti hojii irra kan oolu yoo ta’u ibsamee jira.
Waggaa 3 booda jechuun bara 2020tti karoora addunyaaf lafa ka’amee keessatti Itiyoophiyaan proijektii Kanaan akka milkooftu gargaaruuf ta’uun ibsamee jra.
Waajirri USAID Finfinnee irraa akka ibseetti bara 2003 keessa lakkofsii namoota dhukkuba Edsiin du’anii kuma 87 akka ture, waggaa darbee garu lakkobsii kun gara kuma 20tti gad cabuun ibsamee jira.