Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dheerinna gaara Everesti irra deebi'anii lakka'uutti jiran


Gaarren Everest yoo naannoo Syangboche Nepal keessaa laalan akkana jira.Muddee 4,2009.
Gaarren Everest yoo naannoo Syangboche Nepal keessaa laalan akkana jira.Muddee 4,2009.

Addunyaa keessaa gaarii dheernnaan tokkeessoo Everest tahu hinuma beettaniiyyuu?

Everst, gaara addunyaa keessaa dheerinnaan tokkeessooti.Metirii metirii 8, 848.Gaarii kun biyya Neppaalitti maqaa Sagarmāthā jedhuu Tibetiyaanitti ammoo Chomolungma jedhani maqaa itti baasan.Gaarii kun naannoo Mahalangur Himal gaarreen Himaliyaas keessa jira.

Dheerinnii gaara kanaa chochii lafaa bara 2015 keessaatiin dheerinnii kun irra caaccabuu fi dhibaachuu isaa qorachuutti jiran.

Gabaasii kun akka saatelaayitii irraa arganitti amma sentimetirii 2.54 irraa diqqaachuu hin oolu.

Biyyitii Neppaal gaarii kun keessa jiru dheerinna gaara kanaa qorachuuf porojeektii karoora ganna lamaa baafattee itti jirti.

Neppaal gaarren metiri 8,000 caalaa dhedeerantan 14 qabdi.Nama gaarren kana daawwachuuf itti yaahu irraa dooalra miliyoona hedduu haratti.

Dheerinnaa gaara Everest bara 1,854 keessaa lakkahnii irra gaahan.Eegii sunii ammoo bara 1,999 keessaa irri deebihanii Amerikaa muuziyeemiin Boston qorattee dheerinna isaa mirkansite.

Woma taateefuu ammallee irra deebihanii lakkahuutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG