Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannon pirezidaantummaa Keenya dhiyaachuutti jirtii hiriira mormiilleen jalaan ittuma jira


Hiriira mormii Keenyaa bara 2016
Hiriira mormii Keenyaa bara 2016

Laakkuma filannoon Keenyaa dhiyaachaa dhuftuun hiriirii mormiillee oowwaa dhufa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00

"Kaan jarii kun huji nu dhowwe lafa goose jedhaa kaan ammoo mootummaa hiriira mormiitii nu dhowwee biyya gara hamaatti geessuutti jiraa,” jechaa namuu hiriiraan lafa walti chochoosuutti jira.

Eegii akka filannoo pirezidaantummaa Keenyaa irra deebi’aa jedhee manii murtii isaanii hajajeen asitti bulchootii biyya sunii akkuma siyaasaan gama gama jiraniin afaan walti oowwaa yaahuutti jiran.

Warra mootummaa faarsuu fi mootummaan mormulleen hardha karaa gugurdaa Naayroobiitit walii yaa’ee wal hadhe.

Jarii paartii mootummaa, Jubilee deeggaru warrii mormituu hujii biyya dhowwee lafa goosuutti jiraa jedhee himata.


“Kora taa’uu nu dhowwanii dhakaan nu hadhan.Uflinna qabaachuu malle jedhee afaan Swiwaahiltiin rakkoo hiamta namii kun.


Jarii paartii mormituu jaalatulleen hiriira bahuuf kophoomne bahuu nu dhowwan jedhee himata.”Ka mootummaa ammoo “Nama nuun hadhan otoobusiitti guurratanii dhufanii nu balleessuu fedhan,” jedhee himata.

Aanaa Kisuumuu ka paartii mormituu nama hedduu keessaa qabdullee dhibuma akkanaatti jira.

Nama kuma hedduutti karaatti yaa’ee ibidda goola dhaabee dhagaan nama hadhaa chochohuu nama dhowwuutti jira.Kaan suuqilee saamaa,kaan nama hadhaa kaan goommaa karaa irratti bobeessa.Poolisiilleen gaazii namatti biifaa nama bittinneesitee suuqileellee saamuu nama dhoorti.

Laftii akkana keessatti guiyyaanuu goola dhaaban tun ta itti gaafatamaan paartii mormituu Rahilaa Odiingaa itti dhalate.

Filannoon torbaan sadi keesstti irra deebihan tanaan duratti paartiin mormituu akka bulchootii filannoo pirezidaantummaa waliin dhahanii seera dhowwan jedhan horii irraa bu’an fedhan.

Manii murtii walii gala Keenyaa filannoo pirezidaantummaa Keenyaa Hagayya dabartee seera filannoo hin guunne jedhanii irra deebisuuf hajajan.


Namii Keneyaa hedduun filannoo tana seera qabsiisuu baannaan akka jarii kun jechuutti jirtti “jijjiiramii jiraachuu baannaan filannoon hin jirtu jechuutti jira.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG