Wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi Somaaleetiin nama kuma hedduutti baqate. Naannoo Somaalee magalaaa Jijjigaa keessaa Oromoo kuma 72 tahanitti Harargee Bahaatti baqatee qubate.
Jara kana Fulbaana 2, 2010 jalaqabanii qubsiisuu jalqaban. Obboo Geetaachoo Toleeraa itti aanaa waajjiaa hooggansa soda balaa kuma 72 caalutti kana malee nama kuma 12 tahu godina dhibiitti dabarsan.
Nama baqate dhufe kana kaan firaa fi fiixaa biratti kaan ammoo walumatti qabanii qubsiisanii gargaruutti jiran.
Nama baqate kana ummata,hojjataa mootummaa naayata, abbootiin qabeennaa fi nama hedduutti nyaataa fi dhugaatii, wayaa fi waan hedduun gargaaruutti jiraa jedha.
Haga Jimaata dabreetti akka jecha obboo Geetachootti qarshii miliyoona 2 fi kuma 900-tti baankii naannoo isaani gahee miliyoona 42 waadaa galan.
Obboo Garramuu Oliiqaa,itti aanaa Koomishineera koomishiina waajjira hooggansa soda balaa Oromiyaati.
Wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi Somaaleetiin duruu nama hedduutti baqataa ka baranaaa ammoo waan takkumaa hin argin jedha.Haga ammaatti nama kuma 118 tahutti naannoo Somaaleetii baqatee bahe jedha obboo Garramuun.
Ka Jijjiigaa baqate qofaa mitii ka wal dhaba kanaan waan qabu irraa godina Oromiyaan Somaalee waliin qabdu irraa baqatelleen hedduu. Qoratanii gargaaruu qabanii jedha obboo Garramuun.
Horiin baqataa daangaa Somaalee irraa baqateen gargaaran baankii afuritti guuruutti jiran.
Baankii Awaash
Baankii Oromiyaa International Bank
Baankii Hujii Gamtaa Oromiyaati
Baankii Daldala Itoophiyaa
Gama dhibiin ammmoo Obboo Dinquu Dayyaasaa Oromoo naannoo Jijjiigaatii baqatanii qarshii miliyoona 12 kennee Barattoota Oromoo yuniversitii Jijjigaatti hin deebinellee tolaan barsiisa.
Abbeenna qabeennaa NAFYD,yuniversiti Rift Valley duruu Itoophiyaatti nama hedduu gargaaree malkaa dabarse.
Manneen barnootaa fi yuniversitii jaaraa,midhaan qoodaa waan hedduun biyyaa bahe.
“Akka dhaaba kootti adoo hin tahin akka dhuunfaa kootti ummata keenna kan bu’qqaheef qarshii miliyoona 12 kennaa.”
Gama barumsaatiin ammoo ijoollee yuniversitii Jijjigaatti deebi’uu hin feene galmeen isaanii laalee naannoo isaaniitti tolaan yuniveristii ficcisiisa.
Gama kaaniin ammoo obboo Dinquun dhiyoo tana gadaa Oromoo keessaa qooda abbaa-duulaa tolchanii filan.
Aadaa teenna badde deebifanna,bakka durii itti irreeffatanitti irreeffachuu qamna,malkaa badde banaa jirra,ta tana gochuuf ummatii na filate,”jedha obboo Dinquun.
Hujiin abbaa-duulaa obboo Dinquu itti filan akka jecha isaatti hiyyumatti duuluu.
Oduu gama dhibiitiin ammoo Oromoo naannoo Somaaleetii baqatte olloota Finfinneetti manneen kuma hedduu jaaraniifii qubsiisuuf faluutti jiran jedhanii odeeffannee isanittiin deebina.
Obboo Dinquun Itoophiyaatti yuniversitii fi manneen barnootaa hedduu jaaree biyyaa malkaa dabarsee qophii itti aanutti itti deebina.