Keniyaa gama dhiyaa keessatti namoota har’a hiriira mormii gaggeessaa turan keessaa yoo xiqqaate lama polisoonni ajjesee jira.Kunis buufata polisii meeshaa qonnaa qabatanii turanii fi dhagaan eega Caccabsanii booda ta’u polisiin ibsee jira. Qondaalli polisii Bondo Paul Kiarie akka jedhanti hiriirtonni ka biroo sadii konyaa Siaya keessatti kan rukutaman yoo ta’u garu hin dune.
Magaalaalee keniyaa 3 keessatti mormiin gaggeeffamu hammaachuun filannoo irra deebi’anii gaggeessuuf karoorfamaa jiru akkasumas hiriira ugguruuf tarkaanfii mootummaan fudhate mormuuf ba’an.
Hiriirri mormii kun har’a Naayrobii Mombaasaa fi Kissimmuu keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u polisiin hiriirtoota facaasuuf magaala tokko keessatti Gaaza himiimaansuun gargaaramanii jiru.
Kamiisa kaleessaa ministriin haajaa biyyaa keessaa ajaja kenneen magaaloota sadeen keessatti hiriirri akka hin gaggeeffamne uggure.Magaalaaleen sadeen maadhee deggertoota kaadhimamaa mormitootaa kan Ra’ilaa Odingaa ta’uun beekamu.