Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Somaaliilaand Filannoo Prezidaantummaaf Sagalee Kennaa Oolan


Somaliiland keessatti erga bara 2003 qabee filannoo prezidaantummaa yroo sadaffaaf geggeessuuf jecha wiirtuleen filannoo banamanii jiran.

Odu gabaasaanVOA kan Hargeessaa keessaa Barakhad Kariye akka jedhetti uummati ganama baree sa’a sadii qabanii sagalee kennuuf toora dheeraa eegaa turan.

Sagalee kennuuf nama jalqabaa ta’uu kan fedhan yoo ta’u wiirtuleen filannoo utuu hin cufamin dura sagalee kennuu isaanii mirkaneeffachuu barbaadu jedha Kariye-n.

Komiishinni filannoo maanguddootaa fi kanneen humni dadhabaa ta’eef dursi akka kennamu gaafatee jira. Wiirtulee filannoo 1642tu sagalee kennuuf qophaa’ee jira.

Naga eegumsi illee cimuu isaaf hoogganaan humnootii naga eegumsaa uummati sagalee kennee hojii isaa idilee akka itti fufu jajjabeessaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG