WAASHINGITAN, DIISII —
Godinaa Haraghee Lixaa – aanaa Gumbii Bordoddee fi Godinaa Booranaa - magaalaa Moyyaalee keessatti humnoota Liyyuu Poolisii fi jiraattoota gidduutti walitti-bu’insi uumamee, miidhaan dhaqqabee jira. Aanaa Gumbii Bordoddee keessatti humnoota Liyyuu Poolisiin haleellaa har’a jiraattota irratti banameen namni tokko du’uu – jiraattonnii fi qaamni nageenyaa aanichaa dubbatanii jiran. Godinaa Booranaa, Magaalaa Moyyaalee keessatti immoo yoo xiqqaate namoota ja’a tu madaa’e.
Qophii guutuu dhaggeeffadhaa