Qabsaa’onnii fi bakka-bu’oonni siyaasaa garee mormituu, walii-galtee araaraa Sudaan Kibbqaa bara 2015 mallatteessame deebisanii bayyanachiisuuf jecha, korri dhimma kana irratti mari’atu baatii kana keessa akka Finfinneetti geggeessamu murtii Yunaayitid Isteets, Briteenii fi Noorway dabarsan ka deggeran ta’uu dubbatan.
Korri waa’ee Sudaan Kibbaa kun akka milkaa’u yoo barbaadame ka qaamota mara hirmaachisu ta’uu qaba – jedhu – biyyootiin Sadeen.
Walii-galtee araaraa Sudaan Kibbaa bara 2015 Finfinnee keessatti geggeessame san ka qindeessee fi maallaqaan gargaare – biyyootuma kana sadeen, jechuun – Yunaayitid Isteets, Briteenii fi Nooraway tahuun ni yaadatama.
Biyyoonni sadeen “Troikaa” jedhamuun beekaman kun, marii bayyanachiisa araaraa sadarkaa ol’aanaa kanatti paartiileen Sudaan Kibbaa marti akka hirmaatan ka waamicha dhiheessan yoo tahu, ibsa baasan kana keessatti “Mootummaan Prezidaant Saalvaa Kiir, Sudaan Kibbaa keessatti nagaa fi tasgabii buusuuf, kun carraa isa dhumaa ti” jedhanii jiran.