Miseensa mana marii bakka bu’oota uummataa Ameerikaa kan yeroo dheeraa kan ta’an John Conyers dararaa quunnamtii saalaa ilaalchisee himannaa hedduun erga irratti dhiyaatee booda hoji irraa gadamoojja’uu isaanii labsan.
Coyers gaaffii fi deebii har’a raadiyoo irratti dhiyaachuun geggeessaniin ilmi isaanii mana maree keessaa akka bakka isaan bu’u raggaasisan.
Dubartoonni hedduun yeroo dhiyoo achii as ba’uu dhaan miseensa mana maree maanguddoo waggaa 88 dararaa nu irratti raawwatan jechuun himatan.
Kanneen keessaa gargaartuu isaanii duraanii Marion Brown yoo ta’an, hoogganaan hojii isaanii duraanii kun kurna tokko dura quunnamtii saalaaf gaaffii natti dhiyeessan jedhan. kan umuriin 61 Brwon TV NBC jedhamuuf akka ibsanitti sababaa tole hin jedhin hafaniif hojii irraa ari’amuu dubbatan.
Hooggantuun garee dimokraatotaa kan mana maree bakka bu’ootaa Nancy Pelosi fi afaan yaa’iin mana maree Republikantichi Paul Rayan Conyers hojii akka gad dhiisan gaafatan.
Conyers balleessaa isaanii amanuu dhaan dubartii tokkoof dubbiin kun akka hafu doolaara kuma 27 baasuuf walii galuu isaanii dubbatanii fedha malee ta’e ka jedhu garuu haalaniiru.