Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommiin barcuma Senetii Kan Kutaa Alabaamaa Itti Fufee Jira


Kaadhimamtoonni filannoo addaa kutaa Alabaamaa bakka Senetii US duwwaa jiru guutuuf dorgomaa jiran kanneen sagalee kennan eenyu akka bakka isaan bu’u amansiisuuf har’i carraa isa dhumaa ti.

Kaadhimamaa paartii demokraatotaa kan ta’an Doug Jones deggertoota isaaniif hiriira kaleessaa irratti ibsa kennaniin Alabaama eenyuun akka taane beekna jedhan. filannoon kun kan nuti addunyaatti eenyu ta’uu keenya fi maaliif akka dhaabanne ittiin ibsinuu dha jedhan.

Kaadhimamaa paartii Ripuublikaanotaa kan ta’an Roy Moore gama isaaniin prezidaant Doonaald Traamp kan ergaa sagalee waraabameen jiraattota Alabaamaaf ergamee biraa deggersa argataniiru.

Traamp akka jedhanitti Jones yoo injifatan hoogganaa Demokraatotaa kan Senetii chuck Schumer fi hooggantuu kan ta’an Naancy Peloosiif ergamaa yoo ta’an Moore garuu ajendaa prezidaantiin qabu akka darbu gargaaru jedhan.

Saaleen isaaniif kennamu Ripublikaanota Senetii keessaaf waan ta’eef barbaachisaa dha jedhan Traamp.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG