Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Walii-galtee Araaraa Sudaan Kibbaa Bara 2015-tti Fuuleffate Finfinnee Keessatti Geggeessamaa Jira 


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Mariin sadarkaa ol’aanaa, kan walii-galtee araaraa Sudaan Kibbaa bara 2015-tti fuuleffate, magaalaa Finfinnee keessatti geggeessamaa jira.

Walii-galteen araaraa waggaa lamaa fi walakkaa dura mallatteessame, Adoolessa bara 2016 loltoota garee Prezidaant Saalvaa Kiirii fi kanneen hoogganaa finciltootaa – Riyaak Machaar tumsan gidduutti wal-waraansi banamee, magaalaa Jubbaa keessatti lubbuu hedduu eega fgalaafatee booda diigame.

Dhaabbata “International Crisis Group” jedhamu keessatti xiincalaan gameessi, Keesii Kopoland, marii amma Finfinnee keessatti geggeessamu keessatti dhimmoonni ijoon itti xiyyeeffatame – waa’ee aangoo qooddannaa fi ijaarsa humna nageenyaa ti.

“Gurmuuleen mormitootaa fi biyyoonni Addunyaa gama Dhihaa irra jireessi isaanii, walga’iin ammaa kun akka marii haaraa ta’u fedhan. Kaayyoon isaanii, walii-galtee aaangoo qooddannaa haaraa tolchuu dha. Kun immoo gurmuulee mormitootaa addaaf carraa gaarii kennee, irraa mootummaa haga tokko gad qabuu dha.” - kan jedhan – Keesiin, gama biraatiin immoo mootummaan, aangoon isaa otuu guddaa hin jijjiiramiin akkuma irree cimaa qabaatetti ka turuu fedhu tahuu dubbatan.

IGAD immoo, fedhii gam-lameenii gidduu dhaabatee wal-madaalsisuuf carraaqaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG