Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltuun Koriyaa Kaabaa  gama Kibbaatti Harka Kenne   


Looltuun Koriyaa kaabaa ka biraan tokkoo fi kanneen Qurxummii adamsan lama mootummaa Koriyaa Kibbaatti harka kennatanii jiru.

Kunis addunyaan hogganaa Koriyaa kaabaa irra uggurri ka’ee uummata irratti rakkoo dinagdee dhaqqabsisuu isaaf mallattoo tokko ta’u mala jedhama.

Dhaabati Oduu koriyaa kibbaa akka jedhutti looltuu gama kibbaatti ce’e kana barbaacha humnootiin koriyaa kaabaa faana yeroo bu’an Waardiyyonni Koriyaa kibbaa yeroo 20 akeekkachisaaf dhukaasan.

Looltuun koriyaa kaabaa kun kamiisa har’a ganama Koriyaa kibbaa seenuu isaa dubbi himaan qondaala waraanaa kan koriyaa kibbaa mirkaneessanii jiru.

Garu looltuu harka kennate kana irratti dhukaasii tokko akka hin dhukaafamiin ibsanii angawoonni dhimmi kun ilaaluu maaliif harka akka kennatee qorachuun tartiiba ittiin dahannaa argatu murteessuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG