Dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Dr. Mararaa Guddinaa irratti himannaa dhihaate ilaalchisee, abbaan-alangaa akka dhimmi isaa gara murtiitti deemu eega gaafatanii guyyaa 13 booda, CDiiwwan kudhan akka ragaatti dhiheeffachuun isaa abukaatoolee Dr. Mararaaa biratti mormii kaasee jira. Manni-murtii federaalaa, dhimma kana ilaaluuf kaleessa har’atti beellama qabee ture. Oolmaa mana-murtii kan har’aatiin irratti akka CDwwan sun akka ragaatti dhihaatan ka murteesse yoo tahu, abukaatooleen dursanii CDwwan sana argadhuu danda’uu fi dhabuu murteessuuf garuu, beellama ka biraa kenne.