Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Baarura Imaltootaa Afrikaa Kibbaa Lubbuu Galaafate


Afriikaa kibbaa keessatti baaburri imaltootaa konkolaataa guddaa tokkotti erga rukutamee booda ibiddi itti qabatee namoonni 18 yoo du’an kanneen 260 ta’an madaa’aniiru.

Angawoonni daandii baaburaa kaleessa akka jedhanitti konkolaataan sun utuu baaburri sun bira hin ga’in qaxxaamuruu ennaa yaalutti balaan sun uumame jedhan.

Hoogganaan yeroo dhaabbata baabura imaltoota Afriikaa kibbaa Mthuthuzeli Swartz akka jedhanitti balaan hin yaadamin akkasii ennaa ilaallu shofeerri konkolaataa Sanaa seera daandii itti qaxxaamuran ennaa eeguu dhabu argina.

Angawoonni mootummaas shofeerri konkolaataa Sanaa baabura sanaan dorogomee dura karaa qaxxaamuruuf yaaluu isaa irratti yoo walii galan, poolisiin naannoo immoo amma iyyuu qorannaan geggeessamaa jira jedhe.
Baaburri sun namoota dhibbaan laka’aman ayyaana waggaa booda mana ofiitti deebi’aa kan turan fe’atee kan jiru yoo ta’u Port Elizabeth gara Johnnesburgitti imalaa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG