Hidhattonni Liyyu Haayl kan bulchiinsa naannoo somaalee daangaa godiina Baalee irratti baatilee darban torbaaf haleellaa gaggeessaa turan jiraattonni dheessan akkasumas bulchiinsa nannoo somaalee keessaa jiraataa turanii oromoonni ari’aman anaalee adda adda addaa kan godiina Baalee keessa qubatanii jiru.
Gama kaaniin Oromoonni Wucaalee Somaaliilaand keessaa jiraataa turanii ari’aman keessaa 300 kan ta’an baatii Fulbaana darbee kaasee godiina Baalee keessa qubachuu isaanii dubbatu.
Garu rakkoo jabaatu nu argatee jechuun kan isaan dubbatan kaleessa dhiyeessuun keenya ni yaadatata.
Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulqaadir Huseen jarreen lakkofsaan kuma shantama caalan kana gargaaruuf yaalii jabaan godhamaa akka jiru ibsanii gargaarsii kennamee ga’aa ture jechuun hin danda’amu jedhan.
Kanaaf Oromoon biyya keessaa lammiin lammiif jechuun gargaarsa gumaachaa jiraniif galateeffatanii akka itti fufan gaafachuun Oromoon biyya alaa keessa jiranis gargaarsaaf akka harka isaanii hiixatan gaafatanii jiru.
Gaaffii Deebii Gaggeeffame Caqasaa.