Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Irratti Hirkachuun Raashiyaa Irra Uggura Hin Keenyu: Bulchiinsa Traamp


Bulchiinsii Traamp gabaasa Kongreesaa irratti hundaa’ee battalumatti Raashiyaa irra uggura kaa’uu dhisuuf murtii dabarsee sirrii jedhee falmaa jira.

Hagayya darbe seera sagalee caalmaan kongreesnii raggaasisee Raashiyaan filannoo prezidaantummaa Amerikaa kan bara 2016 keessaa harka qabaachuun eega ifa ta’e booda ministriin maallaqaa kan Yunaaytid Istetes Wiixata gabaasa kana baase.

Gabaasnii ba’e kun hidhata maallaqaa fi siyaasaa namoota Raashiyaa 114 fi kanneen biroo Putin jalatti gurma’an 96 gad fageenyaan qorate.

Garu gabaasnii kun mootummaa Raashiyaas ta’e namoota dhunfaa maqaan isaanii tarreeffame irra uggurri haaraan haa ka’amuu hin jenne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG