Godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti, hidhamtoonni siyaasaa haal-duree tokko malee akka hiikaman gaafachuudhaan, akkasumas, gaaffiilee mormii hedduu kaasuudhaan manneen hojii fi geejjibawwan guutummaatti cufaa ooluu isaanii jiraattoni dubbataa jira.
Manneen hojii mootummaa, manneen barnootaa, suuuqiileen daldalaa, hoteelonni cufaa tahuu isaanii dubbatu - jiraattonni. Magaalaalee akka Buraayyuu, Holotaa, Sabbataa, Galaan, Bishooftuu, Amboo, Sulultaa, Shaashemannee, Jimmaa, Roobee, Gobbaa, Shaambuu, Naqamtee, Dambi-doolloo -- akkasumas – godinaalee akka Buunoo Beddellee, Illu-abbaboor, Arsii Lixaa, Harargee Lixaa fi ka biroo keessattis hojii-dhaabinsi mormii kun ka geggeessamaa oole tahuu tu dubbatama.
Hoji-dhaabinsi mormii Oromiyaa keessatti bal’inaan geggeessamuu, bakkawwan tokko tokkotti immoo hiriirawwan geggeessamuu madda Oduu Mootummaa Oromiyaa – OBNf kan ibse - Biiron Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa immoo, Godinaa Baalee, aanaa Madda_Walaabuutti hiriirtoota mormii fi qaama naga-eegumsaa mootummaa gidduutti walitti-bu’insa uumameen namoonni sadii du’uu dubbatee jira. Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa.