WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Doonaald Traamp, oomishaalee Sibiilaa fi Aluumiiniyeemii alaa galfamani irratti seera dilaala mursiisu har’a mallatteessan.
Biyyoonni michoota daldalaa Yunaayitid Isteets hagi tokko garuu, yeroodhaaf akka dilaala kana irraa walaba tahan beekamee jira.
Akka aangawoonni jedhanitti, Meksiikoo fi Kanaadaan, ennaa oomishaalee sibiilaa fi aluuminiyeemii gara Yunaayitid Isteets galfatan guyyoota soddomaaf dilaala irraa walaba tahu – jedhama. Guyyaan ehamame kun akka dheerachuu malu illee dubbatu – aangawoonni.