Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma-alaa Raashiyaa Biyyoota Afrikaa Daawachaa Jiran


Ministarri dhimma-alaa Raashiyaa – Sergeey laavroov, daawwannaa biyyoota Afrikaa shan keessatti gochaa jiraniin, Zimbqaabuwee keessatti walii-galtee dinagdee mallatteessuudhaan hariiroo Raashiyaa fi biyyattii gidduu jiru cimsanii jiran.

Daawwannaan isaanii kun – biyyoota Afrikaa dur michoota Tokkummaa Sooviyeet turan ka biroo kanneen akka Moozambik, Itiyoophiyaa fi Angoolaa kan of keessaa qabu tahuunis beekamee jira.

Har’a magaalaa Haraaree keessatti sina geggeessame kana irratti, walii-galteelee daldalaa fi induustrii sadii mallatteessan – Ministarichi dhimma-alaa Raashiyaa kun.

Nama haasaan isaa qaraa ta’uudhaan kan beekame – laavroov, sirnicha irratti haasawa dhageessisaniin, dhiittaa mirga dhala-namaa fi cunqorsaalee ka biroo Zimbaabuween ittiin himatamtu irraa ka’uun imaammata ugguraa Yunaayitid Isteets biyyattii irratti qabdu qeeqanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG