Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa hardhallee barsiisotii kuma kurnya hedduu hujii dhaabanii karaatti yaa'anii hiriira mormiitin lafa chochoosuutit jira


Barsiisota kumahedduu Amerikaa godina Kentaakiitti akkana hiriira mormiitif bulchiinsa isaanii duratti walti yaa'e. pension system,Kun ka Ebla 2, 2018 magaalaa Frankfort, Ky.
Barsiisota kumahedduu Amerikaa godina Kentaakiitti akkana hiriira mormiitif bulchiinsa isaanii duratti walti yaa'e. pension system,Kun ka Ebla 2, 2018 magaalaa Frankfort, Ky.

Qaraa godina West Virginia keessatti jalqaban.Eegee ammoo Kentucky, Oklahoma keessallee walti dabalani kuma hedduu tahan.

Warrii godina Westi Verjiiniyaa gaafii ufiitti deebii argatee jennaan hiriira guyyaa sagaliin duubatti hujiitti dacha'e. Ammallee barsiisota hedduutti itti jira.

Amerikaatti manneen barnootaa hedduutti cufaa jira.Barsiisotii isaaanii akka mindaan dabalmuuf,akka barnootaa bajatii daramuu,akka bara hujii fixatanii gadaammojjaahan horii dansaa qabaachuu dandahan gaafachuuf hujii dhaabanii hiriirattti jiran.

Oklahoomaa fi Kentaakii qofa keessaa barsiisota kuma 30tti hiriiratti jira.

Oklahoomaan godina waldaa barsiisota guddaa qabdu.Akka ganna sadii keessatti $10,000 dabalamtuuf,barnoota jabeessuu ammoo $miliyoona 75 ramadamtuuf gaafatan.

Amerikaatti waldaan barsiisota humna jabduu qabaa guddoo caqasanillee.

Akka bulchootii waldaa barsiisota godina Oklahoomaa jedhanitti ijoollee kuma 700,000ti barsiisotii isaanii hujii dhaabanii hiriira yaa'anii kennaan barnoota dhabe.

Pirezidaantiin Waldaa Barnoota Oklahoomaa Alicia Priest, akka barsiisotii hiriira bahanii Kongireessii muddan gaafatte."Ganna 11 caalaa bajata dansaa hin argannee haga waan gaafannee deebii argannutti hujiitti hin dachaanu."

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG