Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Hariiroo Biyyoota Afriikaa Waliin Jiru Cimsuu Barbaaddi: Senateroota Ameerikaa


Ameerikaan ardittiif cicha isheen qabdu mul’isuuf jecha biyyoota Afriikaa afuritti daawwannaa geggeessaa kan turan senaatoeroonni paartii lamaanii gara Washingiton-tti deebi’aniiru.

Seneterooa Demokraatota afuriif Ripuublikaanii tokko kan of keessaa qabu jilli Ameerikaa kun Burkinaafaasoo, Niijer, Afiikaa Kibbaa Zimbabwee ennaa daawwatetti hoogganoota waraanaa, amantii fi daldalaa waliin illee mari’atee jira.

Demokraatichi kutaa Deliweer Kris Koon tuuta oduuf ibsa kennaniin “kaayyoon daawwannaa keenyaa hariiroon Afriikaa fi Ameerikaa gidduu cimuun faayidaa inni qabu mul’isuufi” jedhan.

Biyyoota mara keessatti simannaa ho’aan kan godhameef ennaa ta’u, daawwannaan isaanii ka milkaa’e ta’uu illee tuqaniiru.

Seneter Kris Koon itti dabaluu dhaan jilli kanaaf prezidaant Doonaald Traamp Afriikaa ilaalchisuun ilaalcha gaarii hin ta’in isaan qabanii fi hanga yoonaa biyyoonni Ambaaaadderoota hin qabaatin jiraachuu ilaalcisee gaaffiin dhiyaachuu illee hin dhoksine.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG