Xurree ittiin seenan

Breaking News

Midrokii Kontoraata Haaressuun hin ariifate, iftoomina hin qabu: Biiroo Eegumsa Naannoo,Bosona fi Jijjiirama Qilleensa Oromiyaa


Ardaa jilaa Oromiyaa hedduutti galma abbootii gadaa jaaruutti jiran
Ardaa jilaa Oromiyaa hedduutti galma abbootii gadaa jaaruutti jiran

'Kontoratii Laga-Dambii ifoomaa fi qorannoo jabduu malee Midrookif haareffame'
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:13 0:00

Kontoraata Midrook adoo hin haaromsin waan biyyitii himatte caqasnii dhugaan abbaa galuu maltee jedhanii irratti walii galan jedha Dr.Hassan Yuusuf I/G/B Eegumsaa naannoo,Bosonaa fi Qilleensa Oromiyaa

Wannii jarii hujii Warshaa Midrook tohatu irratti walii galan akka jecha Dr. Haassanitti “qorannoo guutun akka geggeefamtu, dhiiba fayyaa,eegumsa naannoo irratti fidu qorachuu irratti walii galame. Osoo tun hin dhumin gadi bu’ani buchoota godinaa, ummataa naannoo waliin hin mari’atain haaromsuutti rakkona kana fide,” jedha.

Warshaan Midrook qaraa ganna 20 Laga-Dambiitii warqii qotachaa bahe.Akka oduu dhageennutti warshaan kun gannatti warqii kintaala 45 achii baafata.

Akka jecha Dr.Asebee Raggaasaa qorataan yuniversiti Dillaa jedhutti kintaala 45 achi baafata jechuun waan fakkaatiitii miti.

“San eennutti qoratee arge? Meeqa akka achi baafatu ifatti hin beekamu. Tiraanispaarensii [iftoomina] hin qabu.Mootummaan naannoo Oromiyaas hin beeku.”

Midrook hujii tana hojjachuuf kotoraata ganna 10 mootummaa federaalaa irraa argate.

Akka jecha Dr.Hassanitti ammoo haareffamuu jechuun faaydaa dhibii argachuu jechuu. “Haaromuu jechuun lafa dabaltaa argachuu jechuu. Haaromsii kun rakkoo qaba waan guguuutamu qabutti jira.”

Warshaan tokko yoo hujii investimenti hojjatu akka jecha Dr. Hassanitti lafa investimenti itti hojjatu sunitti warra lafaatiin waldhaqee hojjachuu male.

Baclhoomee waan jarii faaydaa irraa argatu hedduu hojjachuufii male.Sun malee akkuma seeraattuu manneen barnootaa,ka akimii jaareefii,karaa baaseefii amalumaa fi adabumaan waliin jiraachuu male.

Tana maleellee matuma ufiitin,naasuu biyyaa qabuun wa jaaruufii male biyyaa fi biyyaa horii keessaa argatee fidamuun sun jabeessuu male.

“Naannoo saniif,misooma naannoo sanii osoo hin miidhin jiruu fi jireenna hawaasaa jijjiiru qaba.”

Seerii haarahii amma bahe akka warshaan cuftii lafa investimenti keessatti hojjtuu harka lamaan ummata garaaru tolcha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG