Xurree ittiin seenan

Breaking News

Volkaanoon Hawaahii gaarren kakaachisee ibidda faffacaasee aara waaqaatti dhaabee tokka'uuf lafa jalaa dhudhuqqisuutti jira


Volkaanoon ibidda lafa jalaa tokko'au. Ka amma kun Kīlauea jedhan.Footoo tana 5/9/18 at 8:29 kaasan.
Volkaanoon ibidda lafa jalaa tokko'au. Ka amma kun Kīlauea jedhan.Footoo tana 5/9/18 at 8:29 kaasan.

Hawaahiin godina Amerikaa 50n keessaa tokko.Lafa Volaakoon bara kuma hedduuyyuu beekan qabaachuun beekan.

Volaakoon ammaa kun Kilauea Volcano jedhan naannoo BIG ISLAND keessaa taokka'ee gama dhibiillee dhudhuqqisuutti jira.

Aaraa fi daaraan achii bahu qilleensa naannoo hammeessee afaani fi laagaa nama guba.

Bulchootii naannoo akka namii afaanii fi funnaan hidhatu dhaamuutti jiran.

Hawaahiin lafa daawwiif itti yaa’an. Ammatti Volkaanoon kun dira namii keessa jiratu irraa diqqoo hiicuu jiraatullee gabayaan hoteelii Hawaahii amma harka 50 kasaarte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG