Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa Keeyyatni 39 Heera Itoophiyaa Keessaa Akka Haqamu Gaafate


Dhaabbanni Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa – MIAD, heera Itiyoophiyaa keessatti, keeyyatni 39, biyya diiguudhaan kan tumame – jedhee balaaleffachuudhaan, keeyyatni kun akka haqamu gaafatee jira.

Bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti, nageenyaa fi mirga lammiwwanii kabajchiisuudhaaf, mootummaan tarkaanfii yeroo isaa eeggate hin fudhanne – ka jedhu– MIAD, badii dhaqqabeef aangawonni akka seeraan gaafataman gaafatee jira.

Akka Melleskaachew Ammahaa gabaasetti, MIAQD, ibsi inni har’a tuta gaazzexeessotaaf kenne, kan bara aangoo EHADEG tumamee fi beekamaa tahe, keeyyata 39tti ka fuuleffate fakkaata.

Yeroo ammaa, lammiwwan biyyattiin hedduun kan buqqifaman, lubbuun lammiwwan biyyattii hedduun ka badu – sababaa Keeyyatni kun tumameef –jedha – paartiin kun. Kana malees, sirni fedraalaa afaan irratti hundeeffame diriirsame, lammiwwan biyattii wal-lolsiisuu malee faayidaa hin qabu – jechuun morma.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG