Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbileen gaazexoota US 380 wal gargaaranii pirz.,Tiraampi gaazexeessitotii ‘nyaapha biyyaa’ jedheen ufi irraa dhowwuutti jiran


President Donald Trump waves to members of the media as he walks towards the West Wing of the White House in Washington.
President Donald Trump waves to members of the media as he walks towards the West Wing of the White House in Washington.

Pirezidaantiin US,Doonaldi Tiraampi gaazexeessitota biyya isaatiin nyaapha biyyaa,warra dhara odeessuu fi paartilee siyaasaa jedhee maqaa akka akkaatiin yaama.

Jarii kunilleen walgargaare ufi irraa dhowwuutti jira.Hujii gaazexxessummaa hojjachuu fi dhugaa jirtu dubbachuun nyaapha nama hin jechisiistu jedhee mormate.

Gaazexoota dhiyoo tana dubbii tana ufii mormanii Tiraampi irratti qabsaahan keessaa tokko,Boston Globe.

Dhaabbileen gaazexootaa 380 tahan oduu guyyaa guyyaan gabaasan malee fulaa yaada mataa ufii irratit barreessa Editorial page irratti sabqunnmatiin ,Media dhugaa dubbatuu fi dhugaa barreessuun nyaapha ummataa jedhanii maqaa balleessuun amala Ameriaatii mitii jedhan.

Gaazexaa Kentikeeti The Darien Times ammoo nu nyaapha biyyaatii mitii waan mootummaan dhoffate qonnee waan baafnuuf mootummaaf nyaapha taane jedha

Gaazexaan Poortilaandi The Portland Press Herald Maine keessatti bahu ammoo nyaaphii ummataa warra demokiraasii gadi qabee dhugaa dhosse dhugaa awwaalu jedhe barreesse.

The New York Times,ammoo warra waan mootummaan hin jaalanne barreesuun warra dharaa jechuun ammoo demokriaasii Amerikaa balaatti geessa jedhee fuula Editorial ufii irratti barrresse.

Gaazexoota qofaa mitii TV,Raadonii fi warri internet irra jirulleen pirezidaanti Tiraampi ufi irraa dhowwuu fi waan jedhaniin kana ufi irraa deebisuuf kurfoo jira.

Akka yuniverstii gabaasii Hagayya 9-13 qorattee baaftetti namii Amerikaa harka 44 akkii pirezidanatii Tiraampi tahuutti jiru kun nama dhabbilee sabqunnamtii keessa hojjatu rakkoo irra buusa.

Amerikaatti sabqunnamtiin[meida] guddoo humna qaba.Pirezidantii fi nama hedduu irratti dhguaa qotee baase hujii irraa jisse.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG