WASHINGTON,DC —
Xuyyuurii waraanii kun hardha godina Shawaa Bahaa anaa Luumee olloota Ejeree keessatti lafa dhahee caaccabe.
Xuyyyurii kun adoo Diree Dhawaa Bishooftuu deemuuu hardha ganama lafa dhahe.
Akka itti gaafatamaan humna qilleensa Itoophiyaa birgaader jeneraal Yilmaa Mardaasaa jedhetti walumatti nama 17ti dhumate;3 hojjaoota xuyyuuraati,9 waraana,6 ammoo namuma nagaa maatii waraanaati.
Xuyyuurii kun Bishooftuu gahuuf km 40 haftee jennaan lafa dhahe. "Bishooftuu itti gaafatamaa itti kennan bahee adoo deebihuutti jiruu lafa dhahe."
Waan xuyyuura kana lafaan dhahee qorachuutti jiran.