WAASHINGITAN, DIISII —
Kan baqattummaadhaan Yunaayitid Isteetis keessa jiraataa ture – gaazzexeessaan Saawudii Arabiyaa tokko, fuudha isaa egereef ragaa isa barbaachisu fudhachuuf jecha torban dabre gara Istaanbul deemee, Qoonsilaa Saawudii keessatti ajjeesamuu isaa – aangawoonni Turkii dubbatanii jiran.
Aangawoonni Saawudii garuu, oduun kun dhara – jechuun falmaa jiru. Waan fedheefuu gaazzexeessichi umuriin shantamii sagalii – Kamaal Kaashoogii haga ammaatti hin mul’anne.
Kan Kibxata dabre waajira Qonsilaa Saawudii dhaa alatti isa eegaa turte – kaadhimaan gaazzexeessichaa – Hatiis Chengiis, kaadhimaan ishee akkuma gamoo sana seenetti akka achi keessaa hin bahiin hafe dubbatti.