Wal-waraansi Sudaan Kibbaa, bara 2013 yeroo finciltoonni mootummaa irratti qawwee kaasanitti jalqabame. Waggaa lama booda, walii-galteen araaraa mallatteessames ni diigame. Itti fufee, hookkarri biyyattii keessa babal’ate.
Baatii dabre keessa walii-galteen ka mallatteessame iyyuu, waraansi ammayyuu itti fufee jira.
Lolli Sudaan Kibbaa keessaa kun lubbuu hedduu galaafate. Qorattoonni akka jedhanitti, waraansichi dhuminsa lubbuu gara dhibba afuriitti dhaqqabsiise. Waraansicha wajjiin rakkoolee wal-qabataniin kanneen dhuman irra-jireessi dhiirota gaheeyyii akka tahan dubbatan – qorattoonni kun.
Qorannoon professor Francisco Keekki n kan hoogganamu yoo tahu, gargaarsa maallaqaa dhaabbata Yunaayitid Isteetis, kan “Institute of Peace” jedhamuun hojjetame.
“Haalli Sudaan Kibbaa keessaa kun, hookkarawwan biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii caalaa, bal’ina isaatiin ka Siiriyaa fi Iraaq keessaa wajjiin wal-fakkaata – jedhan – Professor Keekiin.
Qorannaan lakkoobsa namoota Sudaan Kibbaatti dhuman ilaalchisee geggeessame, kanneen hookkara wal-waraansaa keessatti du’an qofa otuu hin taane, kanneen daafoo lola sanaatiin – jechuun hanqina eegumsa fayyaa, hanqina nyaataa yokaan dhukkubaan dhuman illee of keessaa qaba.