Kalee qofa biyya 24tti taphatee goolii 30tti gale, korommiin kubbaa miilaa Afrikaa dorgommii Afcon 2019 Kaameruunitti tapahtaniif dabruuf taphachuutti jirti.
Biyyitii hagii tokko fa’attee keessaa galuutti jirtii hagii kaan ammoo waan itti aanaatiif kurfaahuutti jira.
Aljeeriyaan Toogoo dhahuma dhooftee goolii afur itti faatee Afcon ganna dhufu Kaamerunitti taphataniif dabarte.
Moritaaniyaan ammoo Botswaanaa 2-1 mootee waan takka hin argatin waancaa ganna dhufuutii dabarte.Moritaaniyaan qabxii 12 dura jirtii Angoolaan 9n itti aanti.
Giinii fi Ayvorii Koosti lanqaansoon jigan1-1n walqixxee bahanii dorgommii bara dhufuutiif dabran.
Giiniin ammoo akkuma Riwaandaa fi Central Africa Republic 2-2 walqixxee bahaniin adoo kubaalleen hin dhiitin dorgommii waancaa kubbaa miilaatii dabarte.
Gaanaan akkuma bara 2017 Itoophiyaa 5-0 qorsa qotteef kaleellee istaadiyoomii Finfinnee keessatti 2-0 itti awwaarsite. Goolii Gaanaa lachuu Jordan Ayewitti galcheef.
Jordaan kilabii Crystal Palace ergifattee taphachiifatti jira.Gurbaan ganna 27 kun, daqiiqaa afressoo irratti goolii galfate goolii lammeessoollee adabbii argatee galche.
Adabbii tana nama Itoophiyaa goolii eegu Abel Maammootti taphata Gaanaa Imaanuheel Boatengi miilaa jala dhaabee buusee Gaanaan adabbii argattee daqiiqaa 24esso irratti galfatte.
Afcon 2019 biyya 24tti Afrikaa keessaa filatama. Itoophiyaa tapha afran tapahttee haga hardhaallee qabxii 4 qabdii waan taphi dhibiin hafeef hin fakkaattu.
Yoo ammoo FIFA waan Seraaliyooniin adabde dhiiseef Itoophiyaan ammallee tapha tokko taphachuf abdii qabaachuu fa dandeetti.
Gaanaan garee F keessaa qabxii 6 qabdii lammeesoo jirti. Madagasaakiriin ji’a dabre keessaa waan takka hin argatin dorgommii tanaa dabarte kalee ammoo Suudanitti 3-1 isii moo’e.
Gama kaaniin ammoo Ugaandaalleen waan ganna 40 keesatti argattee hin beenne barana waancaa Afrikaatii taphattee Kape Verdee 1-0 mootee dabarte.