NAAYIROOBII —
Poolisiin Keeniyaa gurgurtaa tikeeta Baaburaa Geejjibaa waliin dhahuu keessaa harka qabaachuu hin hafnee jechuun lammilee Chaayinaa sadii to’annaa jela oolchuu beeksise.
Lammileen Chaayinaa kunis hojjettoota Koorporeeshinii Ijaarsa daandii fi riqichaa Chaaynaa yoo ta’an harra mana murteef dhiyaatanii mirga wabii akka kabajamuuf gaafatanus Abbaan Seeraa didee haga jimaataatti hidhaa akka turan murteesseera.
Lammileen Chaaynaa kun mattaha Poolisiif kennuunis himatamaniiru, Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera.